Eegumsa Daa’immanii

Tajaajilli UNHCR fi michoota isaatiin kennu hundi kaffaltii malee!

Yoo gaaffiiwwan kana keessaa tokkoof eeyyee jettee deebiste, kallattiin kutaa Eegumsa Daa’immanii deeggarsa argachuuf karaa iimeelii dalagaa ([email protected]) qunnamuu dandeessa.

Yookaan

Sarara bilbilaa UNHCR qunnamaa: 0227390400

Sa’aatii hojii: 

Wiixata hanga Roobii: sa’aatii 08:15– 15:00

Kamisa sa’aatii 08:15– 12:00

UNHCR dhaabbilee hedduu waliin ta’uun daa’imman nama waliin hin deemnee fi adda ba’aniif deeggarsa fi tajaajila kennuudhaaf hojjeta. Kunis gargaarsa hojjetaa dhimmaa dhuunfaa irraa fayyaa, barnoota, mana jireenyaa, fi fedhii biroo keetiin si deeggaru dabalata. Bal’ina isaa hunda barruulee kana keessaa argachuu dandeessu: Ingilizii | Arabaa

Maaloo malawwan kaffaltii armaan gadii yaada keessa galchaa:

  • Yoo umuriin kee waggaa 16 ykn 17 ta’e, gargaarsa maallaqaa ji’a ji’aan karaa Waajjira Poostaa, Kaardii UNHCR fayyadamuun ni argatta. Sa’aatiin hojii Waajjira Poostaa ganama sa’aatii 8.00am hanga galgala sa’aatii 3.00tti, Wiixata hanga Kamisaatti yoo ta’u, Waajjira Poostaa naannoo isaaniitti dhihoo jirutti dhiyaachuu dandeessu.
  • Yoo umuriin kee waggaa 15 fi isaa gadi ta’e, hojjetaan dhimmaa maallaqa kee Waajjira Caritas kan Garden City jiru irraa argachuuf jecha ergaa gabaabaa odeeffannoo guyyaa beellama keetii siif erga.

Gargaarsa walitti qabuu irratti qormaanni yoo si mudate, maaloo hojjetaa dhimma kee ykn UNHCR [email protected] qunnami