Tajaajilli UNHCR fi michoota isaatiin kennu hundi kaffaltii malee!
Karaaleen dabalataa karaalee nageenya qabuu fi qajeelfama qaban kanneen qubsuma dabalataa ta’anii fi baqattoonni biyya tokkotti galmaa’uu fi fedhii eegumsa idil-addunyaa isaanii guutuu danda’anii fi furmaata itti fufiinsa qabuu fi furmaata irra ga’uu danda’an irra ga’uuf of deeggaruun kan danda’ani dha.
Karaalleen dabalataa adda ta’anii fi qubsumaaf dabalataa ta’an kun. Biyyoonni sadaffaan ulaagaa dorgommii hundeessuun eenyu akka naannoo isaaniitti seenu murteessu. Karaaleen dabalataa sagantaalee qubsumaa UNHCRn bulfamu irraa adda tahe qabu. inni kun Qubsuma UNHCR irraa adda ta’ee, baqattoota karaa dabalataaf dammaqinaan hin adeemsisu, garuu qooda fudhattoota biroo sagantaalee adda addaa diriirsan waliin gahee qindoominaa fudhata.
Baqattoonni fi koolu galtoonni kallattiin biyyoota dhimmii ilaallatu waliin carraa daandii argachuuf iyyachuu kan danda’an yoo ta’u, yeroo hunda rifaralli UNHCR hin barbaachisu. Seensa daandii dabalataa seera immigireeshinii jiru, dandeettii iyyataa, ykn walitti hidhamiinsa biyya sadaffaa irratti hundaa’a.
Mootummoonni biyyoota fudhatanii yeroo baayyee karaalee dabalataa fudhatama argachuuf ulaagaalee dorgommii ni diriirsu; eenyu akka Biyyaa isaanii seenee fi turu kan murteessan isaan qofa. UNHCR murtii biyyoota sadaffaa carraa daandii dabalataa seenuu irratti dhiibbaa gochuu kan hin dandeenye yoo ta’u. fi kanaaf yeroo hunda haala iyyannoo isaani kun baqataa hin beeksifamu.
Carraalleen kun karaalee kanneen armaan gadii of keessatti hammataa:
1. karaalee Maatii Walitti Fiduu
2. Karaalee Hojjii
3. Karaalee Barnoota
4. Karaalee Ispoonsara Dhuunfa