Galmee

XIYYEEFFANNOO! Tajaajilli UNHCR HUNDI BILAASHA!ykn kaffaltii maleedha.

Akkamittan UNHCR keessatti galmaa’uu danda’a?

Galmeen koolu galtoota Liibiyaa keessatti UNHCR tiin adeemsifama. Angawoonni Liibiyaa UNHCR namoota biyya murtahe qofaa irraa dhufaniif  akka galmeessuuf hayyama kennu.

Sarara bilbilaa Galmee keenyaa 📞 0911633466 bilbiluu dandeessu, hojjettoonni Galmee hojimaata galmee irratti isin gorsu. Yoo ulaagaa guutte, hojjettoota UNHCR Tiriipoolii ykn bakka biraa galmeen itti gaggeeffamu waliin wal arguuf guyyaan beellama siif kennama. Yeroo af-gaaffii galmee keessanii, UNHCR maqaa kee, guyyaa dhalootaa, bakka ka’umsaa fi sababa biyya ka’umsa kee keessaa baate dabalatee odeeffannoo waa’ee kee walitti ni qaba.

Gaaffii fi deebii galmee kootti maal fiduun qaba?

Miseensonni maatii keessan hundi (haadha warraa,ykn abbaa worraa ijoolleen ykn miseensonni maatii dhiyoo biroo, namoonni isnitti hirkatanii woliin jiraattan bioos yoo jiraatan) guyyaa galmee isin waliin argamuu qabu.

Sanadoota ykn woraqaa Xabboo (Aslii) qabdan hunda fiduu qabdu, kanneen akka:

  • Paaspoortii
  • Waraqaa eenyummaa biyyoolessaa
  • Ragaa dhalootaa
  • Hayyama hojii
  • Haala gaa’ela keessanii wajjin walqabatee ragaalee
  • Galmee barnootaa
  • Ragaa baqattootaa ykn koolu galtummaa UNHCR ykn mootummaa biyyoota biroo irraa
  • Sanadoota seera qabeessa biroo waa’ee eenyummaa keessanii kamiyyuu ibsu yoo qabaatan.

Sanadoota biroos sababa biyya ka’umsaa keessanii baataniif kan walqabatu yoo ta’e fiduu dandeessu.

Maaloo; Hubadhaa yoo sanada homaayyuu hin qabne ta’ellee UNHCR keessatti galmaa’uu ni dandeesu.

Akkamittan sanada ykn woraqaa UNHCR koo haaromsuu danda’a?

Sarara bilbilaa Galmee keenyaa 📞 0911633466 bilbiluu dandeessu.UNHCR Tiriipoolii ykn bakka biraatti beellamni siif kennama.

Akkamittan odeeffannoo quunnamtii koo haaromsuu danda'a?

Lakkoofsa dhimmaa (galmee) UNHCR keessanii, teessoo haaromfamee fi odeeffannoo quunnamtii keessan waliin sarara bilbilaa Galmee keenyaa 📞0911633466 irratti ergaa erguu dandeessu. Ergaa kana karaa SMS /Ergaa gabaabaa/, WhatsApp, ykn Viber erguu dandeessu.

Odeeffannoon quunnamtii keessanii guyyoota hojii torba keessatti kuus-daataa keenya keessatti ni haaromfama. Odeeffannoon keessan haaromfamuu isaa kan mirkaneessu ergaan isiniif dhufa.

Akkamittan dhimma kootti miseensota maatii dabaluu danda'a?

Sarara bilbilaa Galmee keenyaa 📞 0911633466 bilbiluu dandeessu.Waajjira UNHCR Tiriipoolii ykn bakka biraa UNHCR hojii galmee itti raawwatu kamiyyuutti akka dhiyaattu beellamni siif kennama.

Faayilli koo cufameera. Akkamittan akka deebi'ee banamu gaafachuu danda'a?

Yoo faayilli keessan cufame ykn hadoode ta’e, sarara bilbilaa Galmee keenyaa 📞0911633466 qunnamuudhaan beellama galmee qabachuu qabdu. Guyyaa beellama sanatti UNHCR unka odeeffannoo barbaachisaa ta’e walitti qabuun faayila keessan deebiftanii banuuf ykn deebi’anii hojiitti galchuuf akka guuttan isin gaafata. Maaloo paaspoortii keessanii fi sanada /woraqaa/eenyummaa dhuunfaa keessanii hunda yoo qabataan fidaa kottaa.

Yeroo ammaa kana bakka mana hidhaa tokkotti hidhamee jira, UNHCR keessattis galmaa'uu barbaada. Maal gochuu danda'a?

UNHCR mana hidhaa keessatti hojii galmee hin raawwatu. Haa ta’u malee, UNHCR akka gadhiifamtu kan leellisu yoo ta’u, yeroo gadhiifamtu beellamni galmee siif kennama.


<< Gara fuula jalqabaa Liibiyaatti deebi'a >> Fuula Gargaarsa keenya irratti biyya biraa filadhaa