Deebi’anii Qubsiisuu & Baqachuu

XIYYEEFFANNOO! Tajaajilli UNHCR HUNDI BILAASHA!/Kafaltii maleedha.

Baqachuun maali? Ulaagaaleen baqachuuf barbaachisan maali?

Balaliin baqachuu UNHCRn deeggarsa aangawoota Liibiyaa fi Mootummoota biyyoota simataniin kan qophaa’u yoo ta’u, kunis baqattootaa fi koolu galtoota baay’ee saaxilamoo ta’an tokko tokko Liibiyaa keessaa gara bakka nageenyaatti akka balali’an gargaaruudha.

Bakki itti baqatan daangeffamee kan murtaa’u biyyoota sadaffaa koolu galtoota ykn baqattoota eegumsa hatattamaa barbaadan fudhachuuf fedhii qabaniin kan murtaa’udha. UNHCR koolu galtootaa fi baqattoota hidhaa tasaa hidhamanii jiran akka gadhiifaman itti fufiinsaan gaafatus, balalii kanaaf dursa argatta jechuu miti.

Kanneen baqachuuf filataman haala biyya ka’umsaa keessan gadhiisuuf isin taasise akkasumas haala Liibiyaa keessa jirtan ilaalchisee hojjettoota UNHCRn gaaffii fi deebii ni taasifama. Baqachuuf ykn deebitee quphachuuf  filatamuu fi dhiisuun kees murtoo mootummoota biyyoota fudhatanii fi haala kee ilaalu irratti hundaa’a.

Hubadhaa tajaajilli UNHCR hundinuu baqachuu dabalatee BILAASHA, kaffaltiin tokkollee akka hin barbaachifne hubadhaa.

Qubsuma jechuun maali? Ulaagaaleen qubsumaa maal fa’a?

Galmi dhumaa UNHCR furmaata yeroo dheeraa (ykn “itti fufiinsa qabu”) kan baqattoonni jireenya isaanii, kabajaa fi nageenyaan akka deebi’anii ijaaran dandeessisu taasisuudha. Furmaatni kun fedhiidhaan gara biyyaatti deebisuu, naannootti walitti makamuu ykn qubsiisuu ta’uu danda’a.

Qubsumaan baqattoota biyya eegumsa barbaadan irraa gara biyya biraa kan isaan simachuuf walii galtee fi dhumarratti jireenya dhaabbataa akka isaaniif kennitutti filachuu fi dabarsuu of keessatti qabata. Qubsumni mirga miti, warra fedhii eegumsaa addaa qabaniifi ulaagaa qubsumaa UNHCR keessaa tokko yookiin isaa ol kan guuttatan qubsuma argachuu danda’u.

UNHCR keessatti galmaa’uun kee qubsumaaf iyyatteetta ykn ofumaan ni ilaalama jechuu miti. Liibiyaa irraas ta’e akka addunyaatti Baqattoota muraasa qofatu deebi’ee qubsiifamuu danda’a . Baqataa tokko gara biyya biraatti akka fudhatamu kan murtoon dhumaa murteessu biyya fudhatu malee UNHCR miti.

Akkamittan akkan baqachuu ykn qubsumaaf gaaffii fi deebii akka naaf godhamuuf gaafachuu danda’a?

UNHCR keessatti erga galmooftee booda, ragaan UNHCR kan nama eegumsa isaa jala  ta’uu kee mirkaneessu siif kennama. Galmeen tarkaanfii jalqabaa deebisanii qubsiisuu ykn baqachuuf ilaalamuu qabudha.

Koolugaltoonni fi baqattoonni ofuma isaaniitiin akka baqatan ykn qubachiifamanii iyyachuu hin danda’an. Bakki biyyoonni sadaffaan kennaman muraasa ta’uu isaaniitiin kan ka’e namoota UNHCRn akka baay’ee saaxilamoo ta’anitti adda baafamee fi ulaagaalee baqachuu ykn qubsumaa ulaagaa guutaatan qofatu af-gaaffiidhaaf waamama.

Waggoota dheeraa irraa kaasee UNHCR keessatti galmaa'ee ture, garuu namni deebisanii qubsiisuuf ykn baqachuuf gaaffii fi deebii naaf bilbile hin jiru. Maaliif akkas ta'e?

Bakki biyyoonni sadaffaan kennaman muraasa ta’uu isaaniitiin kan ka’e namoota baay’ee saaxilamoo ta’anii adda baafamanii fi ulaagaalee baqachuu ykn qubsumaa ulaagaa guuttatan qofatu af-gaaffiidhaaf waamama.

UNHCR si qunnamuuf yaalees si qunnamuu hin dandeenye ta’a. Jijjiiramni lakkoofsa quunnamtii keessanii akka jiru UNHCR beeksisuun barbaachisaa dha. Yoo lakkoofsi keessan jijjiirame lakkoofsa dhimma(Galmee) UNHCR keessan, lakkoofsa bilbilaa keessan haaromfamee fi odeeffannoo quunnamtii keessan dabalatee ergaa gabaabaa, WhatsApp, ykn Vibern sarara keenya 📞 0911633466 irratti ergaa.

Bu’aa af-gaaffii baqachuu ykn qubsumaaf godhe akkamittan sakatta’uu ykn baruu danda’a?

Yoo UNHCR waliin gaaffii fi deebii gootee fi bu’aa af-gaaffii kee hanga ammaatti hin bare ta’e, dhimmi kee ammallee ilaalamaa jira jechuudha. UNHCR yeroo murtoon tokko irra ga’amu, ykn odeeffannoo dabalataa barbaaduuf, yoo barbaachisaa ta’e si qunnama.

Maaloo, mee obsaa UNHCR lakkoofsa bilbilaa keessan isa sirrii qabaachuu isaa mirkaneessaa.

Lakkoofsi bilbilaa koo yoo jijjiirame UNHCR beeksisuun qabaa?

Eeyyee! UNHCR odeeffannoo quunnamtii keessan kan haaromfame qabaachuun isaa baay’ee barbaachisaadha.

Lakkoofsi quunnamtii keessanii yoo jijjiirame, lakkoofsa dhimma (galmee)UNHCR keessan, lakkoofsa bilbilaa keessan haaromfamee fi odeeffannoo quunnamtii keessan dabalatee ergaa gabaabaa, WhatsApp, ykn Vaayibariin sarara bilbilaa Galmee keenyaa 📞 0911633466 irratti ergaa.

Odeeffannoon quunnamtii keessanii guyyoota hojii 7 keessatti kuus-daataa keenya keessatti ni haaromfama. Odeeffannoon keessan haaromfamuu isaa kan mirkaneessu ergaan isiniif dhufa.


<< Gara fuula jalqabaa Liibiyaatti deebi'a >> Fuula Gargaarsa keenya irratti biyya biraa filadhaa