Meeshaalee Nyaata Hin Taane(MNyHT) fi Gaaddisa

Akka dhaabbata gargaarsa Meeshaalee Nyaata Hin Taane (MNyHT) (NFIs) adda duree ta’etti, raabsiin MNyHT hojiiwwan UNHCR Liibiyaaf hojiiwwan murteessoo ta’an keessaa isa tokkodha. Karaa michoota keenya, Koreen Baraarsaa Idil-addunyaa (KBIA) (IRC) fi Bakka bu’aa Gargaarsa Namoomaa Liibiyaa (BGNL) (LibAid), namoota biyya keessaa buqqa’an, baqattootaa fi koolu galtoota magaalaa fi bakka tursiisaa keessatti argaman dabalatee namoota yaaddoo qaban keessaa kanneen baay’ee saaxilamoo ta’an bira geenya,kanneen akka hojii lubbuu baraaruu keenyaattiin ammoo namoota  galaana keessassaa baraaraman gargaaruu dabalata.

Meeshaalee gargaarsaa ijoo (Meeshaalee nyaataa hin taane) akkamitti gaafachuu danda’a?

Sarara eegumsaa UNHCR 📞 0917127644 ykn sarara bilbilaa CESVI 📞 0910027717 fi 0922767166 bilbiltanii gaaffii keessan ibsuu dandeessu.

Yoo ulaagaa guuttee fi meeshaaleen sun jiraatan, akkaataa meeshaalee sana argachuu dandeessan akka isin beeksisuuf michuu UNHCR (KBID)n isin qunnama.

UNHCR mana akkan argadhu na gargaaruu danda’aa?

UNHCR gaaddisa kan hin kennine ta’us, baqattootaa fi koolu galtoota baay’ee saaxilamoo ta’aniif deeggarsa meeshaa ni kennina.

Yoo deeggarsa barbaaddan bilbilaatii haala keessan wiirtuu bilbilaa armaan gadii keessaa tokkotti ibsaa:

  • Sararara eegumsaa UNHCR 📞 0917127644
  • Sarara bilbilaa CESVI 📞 0910027717 fi 0922767166
  • Tawasul – Mala Duub-deebii Waliigalaa 📞 1404 

Yoo deeggarsa argachuuf ulaagaa guutte, madaallii dabalataa ykn gargaarsaaf si qunnama.


<< Gara fuula jalqabaa Liibiyaatti deebi'a >> Fuula Gargaarsa keenya irratti biyya biraa filadhaa