Waa’ee UNHCR Liibiyaa

Gaheen UNHCR Liibiyaa keessatti maali?

Waajjirri Komishinara Olaanaa Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) dhaabbata baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii woliigaltee Baqattootaa bara 1951 jalatti eegumsa idil-addunyaa kennuu fi baqattootaaf furmaata adda baasuuf aangoo kennameedha. UNHCR namni kamiyyuu mirga koolu galtummaa gaafachuu fi Biyya biraa keessatti baqannaa nageenya qabu akka argatu kan hojjetu yoo ta’u, dhuma irratti gara biyyaatti deebi’uu, walitti makamuu ykn deebi’ee qubachuu filannoo qaba. Yeroo buqqa’iinsaa UNHCR eegumsa seeraa fi qaamaa kennuu fi miidhaa saalaa dabalatee balaa jeequmsaa xiqqeessuuf hojjeta. UNHCR akkasumas baqattoonni baqatan kamiyyuu battalumatti gaaddisa bu’uuraa, nyaata, bishaanii fi kunuunsa fayyaa kennuu barbaada.

Liibiyaa keessatti, UNHCR aangawoonni Liibiyaa haala jireenyaa lammiilee Liibiyaa buqqa’anii fi walitti bu’iinsaan miidhaman fooyyessuuf kan deeggaru yoo ta’u, michoota isaa waliin ta’uun koolu galtootaa fi baqattoota saaxilamoo ta’an gargaaruuf hojjeta.

Eenyuun Gargaarna?

  • Koolu galtoota: Koolugaltoonni nama dhuunfaa eegumsa idil-addunyaa barbaadu, fi iyyanni isaa ammallee ilaalamaa jirudha. Liibiyaa keessatti ragaan /woraqaan/koolugaltummaa UNHCR Liibiyaa irraa qophaahee kennameen.
  • Baqattoota: Baqataan nama sababa sanyii, amantii, sabummaa, miseensummaa garee hawaasaa murtaa’e tokkoo, ykn yaada siyaasaatiin ari’atamaaf sodaa bu’uura gaarii qabuun gara biyya dhaloota isaatti deebi’uu hin dandeenye ykn fedhii hin qabne jechuudha. Liibiyaa keessatti ragaan/woraqaan/baqattumaa UNHCRn qophaahee kennamaaf.
  • Namoota biyya keessatti buqqa’an: Namni biyya keessaa buqqa’e (NBKB) jechuun nama qe’ee isaa baqateakka baqattoota kaanii utuu biyyaa hinbahin daangaa biyya isaa keessatti hafeedha. Liibiyaa keessattis tajaajila UNHCR fi michoota isaatiin kennaman tokko tokko irraa fayyadamoo ta’uu danda’u.

UNHCR Liibiyaa keessatti akkamitti qunnamuu dandeenya?

Liibiyaa keessatti waajjirri UNHCR Tiripoliitti argama:

Giddugala Galmee Serraj

Daandii Sehel Aljfara, naannoo Addababahii Almashtel cinatti, Naannoo Serraj, Tiriipoolii

Qaamaan gara waajjira UNHCR’tti osoo hin deemin dura bilbilaan beellama gaafadhaa.

UNHCR karaa bilbilaa qunnamaa:

  • Toora bilbilaa Galmee UNHCR: 📞 0911633466 (Dilbataa hanga Kamisaatti sa’aatii 08:30-16:30)

Fuula Feesbuukii UNHCR Liibiyaa daawwachuuf ASIN tuqi.


Tajaajilli UNHCR hundi BILAASHA! /Kafaltii Maleedha. Odeeffannoo faayidaa qabu: << Gara fuula jalqabaa Liibiyaatti deebi'a >> Fuula Gargaarsa keenya irratti biyya biraa filadhaa