Umuriin kee waggaa 18 gadii?

Umuriin kee waggaa 18 gadii? Yoo taate, fuulli kun siif ni ta’a! Odeeffannoo waa’ee tajaajila daa’immanii fi dargaggoota biyya isaanii gadhiisanii deemuun dirqama itti ta’ee fi amma Liibiyaa keessa jiranii ni argatta.

Baqataan eenyu? 👧🏽👦🏽

Baqattoonni namoota idilee yeroo addaa keessa jiraataniidha. Biyya isaan keessa jiraatan keessatti waldhabdeen ykn ari’atamni balaadhaaf isaan saaxilee ture. Baqachuu malee filannoo biraa hin qaban turan. Kanaaf baqattoonni biyya ofii keessa bahanii jirreef yoo xiqqaate daangaa tokko qaxxaamuraniiru. Yoo biyya isaaniitti deebi’an waldhabdeen itti fufee jiru rakkoof isaan saaxila ykn sababa sabummaa, sanyii ykn fedhii saalaa ykn amantii, garee hawaasummaa ykn yaada siyaasaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu isaaniitiin balaadhaaf saaxilamuu danda’u. Baqattoota eeguuf seerri idil-addunyaa waan jiruuf yoo balaadhaaf isaan saaxila ta’e gara biyya isaaniitti deebisuun hin danda’amu.

Waa’ee baqattootaa fi UNHCR Liibiyaa keessa jiran caalaatti baruuf viidiyoo keenya ilaaluu dandeessu.

How can I register with/approach UNHCR? 💻🏢👧🏽👦🏽📆

Yoo maatii kee waliin Liibiyaa jirta ta’e dursa warra kee ykn nama guddaa amanamaa ta’e waliin haasa’uun gaarii ta’uu danda’a, garuu ofuma keetiinis nu qunnamuu ni dandeessa😊. Yoo nu biratti galmaa’uu barbaaddan jalqaba beellama qabachuu qabdu. Y Toora bilbilaa galmee keenyaa 📱📞091 163 3466 bilbiluu dandeessu. Namni sarara irra jiru maqaa kee, guyyaa dhalootaa, eessatti akka dhalatte, fi sababa biyya keetii baateef dabalatee gaaffilee muraasa si gaafatee akka/yoom galmaa’uu akka dandeessu si beeksisee beellama galmee siif kenna.

Yeroo gara gaaffii fi deebii dhuftan waraqaa kan akka paaspoortii, waraqaa eenyummaa, ragaa dhalootaa fi kkf keessan hunda, yoo qabaattan, fiduu qabdu. Sanada qabdan kamiyyuu dhiyeessu hin sodaatinaa, kun barbaachisaa waan ta’eef. Odeeffannoo dabalataa viidiyoo fuula galmee keenya irraa argachuu dandeessu.

Liibiyaa keessatti kophaa koo waanan jiruuf gargaarsi na barbaachisa. UNHCR maal naaf gochuu danda’a? 👧🏽👦🏽

Dura UNHCR tti galmaa’uu qabda – akkaataa sana itti gootu armaan olitti ilaaluu dandeessa. Erga kana gootanii booda fedhii keessan irratti hundaa’uun karaa baay’eedhaan isin gargaaruu dandeenya akkasumas viidiyoo keenya ilaaluun waa’ee gargaarsa gosa adda addaa Liibiyaa keessatti gochuu dandeenyu baruu dandeessu akkasumas ibsa bal’aa tajaajila kanaa as irraa dubbisuu dandeessu.

Sarara bilbilaa armaan gaditti tarreeffaman keessaa tokkoon nu qunnamuudhaan haala keessanii fi gargaarsa akkamii isin barbaachisa jettanii yaaddan nuuf ibsuu qabdu, nutis maal gochuu akka qabdan isinitti himna. Lakkoofsi bilbiluu dandeessanuun kunooti:

📱📞Toora Bilbilaa Galmee UNHCR: 091 163 3466 (Dilbataa hanga Kamisaatti sa’aatii 08:30-16:30)

📱📞 Toora bilbilaa Eegumsa UNHCR: 091 712 7644 (Dilbataa hanga Kamisaatti sa’aatii 08:30-16:30)

📱📞 Toora bilbilaa Mala Duub-deebii Waliigalaa Tawasul: 1404 (Dilbataa hanga Kamisaatti sa’aatii 09:00-23:00) – Sagantaa gargaarsa namoomaa irratti odeeffannoo argachuuf, komii keessan sagalee dhageessisuu fi yaada kennuudhaaf sarara bilbilaa bilisaa guutuu biyyattii ta’eedha. Akka fedhii keessaniittis gara dhaabbilee gargaarsa namoomaa dhimmi ilaallatutti erguu ni dandeessu.

📱📞 Sarara bilbilaa CESVI: 091 002 7717 ykn 092 276 7166 (Dilbataa hanga Kamisaatti sa’aatii 09:00-17:00) – CESVI michoota keenya kanneen ofuma isaaniitiin Liibiyaa keessa jiran dabalatee daa’imman akka keessanii gargaarsa barbaadan waliin hojjetan keessaa isa tokkodha.

Ani daa’ima kophaa koo Liibiyaa keessa jiruudha, garuu miseensota maatii biyya biraa keessa jiran kan ani itti makamuu barbaadu qaba. UNHCR na gargaaruu danda’aa? 🌍✈️

Daa’imni tokko hanga danda’ametti maatii isaa waliin jiraachuun barbaachisaa dha. Yoo UNHCR qunnamtan, nuti waan dandeenyu hunda isin gargaarra. Maatii keessan waliin akka wol argitaniif qunnamtii uumuuf ni yaalla. Akkasumas maatii keessan waliin isin makuuf ni yaalla; haa ta’u malee, hojimaatni biyyaa gara biyyaatti adda adda. Maalo karaa Toora Bilbilaa Eegumsa UNHCR:

📱📞 091 712 7644 nu qunnamaa. Odeeffannoo dabalataas ➡️ asii argachuu dandeessu.

Namni wohii na miidheera, ykn na miidha jedheen sodaadha. Maal gochuu qaba? 

Namni kamiyyuu daa’ima kamiyyuu miidhuuf, tuffachuu ykn haala hamaadhaan miidhuuf mirga hin qabu – warra isaa, firoota isaanii, ykn barsiisota isaanii illee yoo ta’e. Namni tokko yoo si miidhe ykn haala sitti hintoleen yoo yoo si tuqe, ykn namni tokko akka si miidhu yoo sodaatte, dhaabbileen si gargaaruu danda’an jiru. Yoo UNHCR qunnamtan, waan dandeenyu hundaan gargaarsa isiniif ni goona. Lakkoofsa armaan gadii kanaan nu qunnamuu dandeessu:

📱📞 Sarara bilbilaa Eegumsa UNHCR: 091 712 7644 (Dilbataa hanga Kamisaatti sa’aatii 08:30-16:30)

📱📞 Sarara bilbilaa CESVI: 091 002 7717 ykn 092 276 7166 (Dilbataa hanga Kamisaatti sa’aatii 09:00-17:00)

Yoo jeequmsi gosa kamiyyuu hatattamaan doktora ilaaluu si barbaachisu si mudate, kanneen armaan gadii qunnamuu dandeessa:

📱📞 IRC Gargaarsa FayyaaSarara bilbilaa hatattamaa yaalaa: 091 035 4839 (24/7 – Guyyaa hunda yeroo kamiyyuu)

Yeroo ammaa kana mana barumsaa hin deemu, garuu nan barbaada. Mana barumsaa dhaquuf gargaarsa akkamittan argachuu dandaʼa? 🏫📚

Daa’imni kamiyyuu mirga mana barumsaa dhaquuf kan qabu yoo ta’u, UNHCR gara UNICEF si erguun si gargaaruu danda’a. Karaa isaaniitiin manneen barnootaa mootummaa keessatti si galmeessuun ykn wiirtuuwwan Baity UNICEFn geggeeffamu keessatti barnoota idilee hin taane galmaa’uuf si gargaaruun ni danda’ama ta’a. Akkuma armaan olitti ibsine nu qunnamuu dandeessu, adeemsa keessas isin qajeelchina. Karaa sarara bilbilaa Eegumsa UNHCR: 📱📞 091 712 7644 nu qunnamaa.

Qaama miidhamummaa qaba. Na gargaaruu dandeessuu?

Nuti, michuu keenya CESVI waliin ta’uun, meeshaalee gargaarsaa, rifaralaa/dhaamsa/ gara kennitoota tajaajila alaa, deeggarsa Xiin-hawaasummaa, deebisanii dhaabuu qaamaa bu’uuraa, fi hordoffii mana keessatti dabalatee gargaarsa addaa kennuu dandeenya. Yoo qaama miidhamummaa kamiyyuu qabaattanii fi gargaarsa barbaaddan, maaloo dhaabata michuu keenyaa CESVI karaa sarara bilbilaa isaanii: 📱📞 091 002 7717 ykn 📱📞 092 276 7166 qunnamaa.

Yeroo imala kootti muuxannoo badaa na mudate, gaddi, aariin, yaaddoon, sodaa ykn burjaaja’uun natti dhaga’ama. Kun waanuma jiruudhaa?

Biyya kee gadhiistee deemtee wantoota sodaachisoo hedduu argitee ykn mudattee booda mufachuun waanuma jirudha. Wantoota argite ykn mudatte sammuu kee keessaa baasuun si rakkisuu dandaʼa. Namoota jaallattu irraa adda baatee waa’ee isaanii yaadda’uu ykn maaltu itti aansee akka ta’u yaadda’uu dandeessa. Wanti barame akka hin jirre sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Wantoota salphaa yaaluun si gargaaran tokko tokko haala rakkisaa kana moʼuuf si gargaaruu dandaʼu. Warra kee wajjin yoo jiraatte ykn nama amanachuu dandeessu naannoo kee jiru yoo qabaatte, miira akkamii akka sitti dhagaʼamu isaanitti haasaʼi.

Ogeessa xiin-sammuu, gorsaa, ykn hakiima irraa gargaarsa gaafachuu irraa duubatti hin jedhinaa – ogeeyyiin kun baay’een isaanii karaa tajaajila kennitootaa bilisaan ni argamu. Akkaataa miira isinitti dhagahamu dubbachuuf gargaarsa isin barbaachisa jettanii yoo yaaddan dhaabata michuu keenyaa kan ta’e CESVI 📱📞 091 002 7717 ykn 📱📞 092 276 7166 (Dilbataa hanga Kamisaatti 09:00-17:00) qunnamuu dandeessu.

Yoo jeequmsi gosa kamiyyuu doktora ilaaluu si barbaachisu si mudate, hatattamaan kanneen armaan gadii qunnamuu dandeessa:

📱📞 IRC Gargaarsa FayyaaSarara bilbilaa yaalaa hatattamaa: 091 035 4839 (24/7 – Guyyaa hunda yeroo kamiyyuu)