Gargaarsa Maallaqaa

Gargaarsi maallaqaa hojiiwwan UNHCR Liibiyaatiif mala barbaachisaa ta’ee fi namoonni saaxilamoo ta’an kanneen UNHCR  jala jiraatani dhimmi kun isaan ilaalatu fedhii bu’uuraa isaanii akka uwwisan, haala jireenya maatii fooyyessuuf gargaaruu fi fayyaa dinagdee fi hawaasummaa isaaniif gumaacha akka godhan dandeessisuudha.

CESVI fi Mana Maree Baqattoota Noorweey (MBN)/ (NRC),  waliin ta’uun, UNHCR baqattootaa fi koolu galtoota guutuu Liibiyaa keessatti gargaarsa maallaqaa kaayyoo hedduu qabu kan fedhii bu’uuraa isaanii guutuuf gumaachu kenna – nyaata, bishaan, meeshaalee qulqullinaa, kunuunsa fayyaa, fi kiraa manaa argachuu dabalatee.

CESVI fi MBN (NRC) baqattootaa fi koolu galtootaaf gargaarsa maallaqaa kan kennan yoo ta’u, kunis qaama deebii waliigalaa fedhii dhuunfaa ta’ee kennama. Gargaarsa maallaqaa argachuuf ulaagaa guutuun kan murtaa’u kutaa addaatiin yoo ta’u kunis saaxilamummaa dabalatee wantoota hedduu tilmaama keessa galcha.

Gargaarsa maallaqaa na barbaachisa. Akkamittan sana gaafachuu danda'a?

Gargaarsi maallaqaa baqattootaa fi koolu galtootaaf kan kennamu madaallii saaxilamummaa UNHCR ykn michuu keenya CESVI hordofuun qofa. Madaalliin UNHCR fi CESVIn gaggeeffamu namoota dhuunfaa magaalaa keessatti baay’ee saaxilamoo ta’aniif gargaarsaa fi deeggarsa kennuu wajjin kan walqabatudha. Maalummaa af-gaaffii irraa kan ka’e madaalliin fedhii eegumsaa kan gaggeeffamu balaa fi yaaddoon eegumsaa adda ta’e yoo jiraate qofa.

Yoo kanaan dura hin qabne ta’e UNHCR, CESVI ykn sarara bilbilaa Tawasul bilbiluu dandeessu. Yoo kanaan dura qabaatte, haala kee irratti jijjiiramni guddaan yoo hin jiraanne, irra deebiin gaaffii fi deebii siif ni taasifamu.

Ji'a lamaaf gargaarsi maallaqaa argadheera, sana booda hin arganne. Akkamittan irra deebi'ee gaafachuu danda'a?

Gargaarsa maallaqaa hatattamaa, kan ulaagaalee saaxilamummaa addaa irratti hundaa’uun kennamu, hayyamamtee ta’uu dandeessa. Gargaarsi maallaqaa hatattamaa kaffaltii yeroo lama qofa.

Yoo kanaan dura gargaarsa maallaqaa argattan fi haala keessan irratti jijjiiramni guddaan yoo jiraate, deeggarsa dabalataaf sarara bilbilaa michuu UNHCR CESVI 📞 0910027717 ykn 📞 0910027716 (Dilbataa hanga Kamisaatti, 09.00 hanga 17.00) qunnamuu dandeessu.


Odeeffannoo walqabataa: << Gara fuula jalqabaa Liibiyaatti deebi'a >> Fuula Gargaarsa keenya irratti biyya biraa filadhaa