Meeshaalee Nyaata Hin Taane(MNyHT) fi Gaaddisa

Akka dhaabbata gargaarsa Meeshaalee Nyaata Hin Taane (MNyHT) (NFIs) adda duree ta’etti, raabsiin MNyHT hojiiwwan UNHCR Liibiyaaf hojiiwwan murteessoo ta’an keessaa isa tokkodha. Karaa michoota keenya, Koreen Baraarsaa Idil-addunyaa (KBIA) (IRC) fi Bakka bu’aa Gargaarsa Namoomaa Liibiyaa (BGNL) (LibAid), namoota biyya keessaa buqqa’an, baqattootaa fi koolu galtoota magaalaa fi bakka tursiisaa keessatti argaman dabalatee namoota yaaddoo qaban keessaa kanneen baay’ee saaxilamoo ta’an bira geenya,kanneen akka hojii lubbuu baraaruu keenyaattiin ammoo namoota  galaana keessassaa baraaraman gargaaruu dabalata.

Meeshaalee gargaarsa bu’uuraa (meeshaalee nyaata hin taane – NFIs) akkamitti gaafachuu danda’a?

Giddugala bilbilaa UNHCR Tawasul lakkoofsa 1504 irratti bilbiluun gaaffii keessan ibsuu dandeessu.
Yoo ulaagaa guuttan fi meeshaaleen jiran ta’e, dhaabbanni waliin hojjetu UNHCR (LibAid yookaan LRC) akkaataa itti meeshaalee fudhattan isin beeksisuuf isin qunnama. Maaloo teessoo fi lakkoofsa bilbilaa keessan isa haaromsame UNHCR waliin qooduu akka hin daganne mirkaneeffadhaa.


<< Gara fuula jalqabaa Liibiyaatti deebi’a
>> Fuula Gargaarsa keenya irratti biyya biraa filadhaa