Eegumsa

UNHCR fi michoonni keenya Liibiyaa keessa jiran deeggarsa meeshaalee kanneen akka gargaarsa maallaqaa fi meeshaalee nyaataa hin taane (MNyHT) fi gorsa, deeggarsa Xiin-hawaasummaa fi hawaasaa dabalatee baqattootaa fi koolu galtoota ulaagaa guutaniif tajaajila adda addaa ni kennu. Fedhii kee fi tajaajiloota adda addaa jiran argachuuf ulaagaa guutuu kee murteessuuf, jalqaba UNHCR ykn michoota waliin madaallii fedhii eegumsaadhaaf gaaffii fi deebii si gochuu qabda.

Madaalliin fedhii eegumsaa haala Liibiyaa keessa jirtu kan uwwisu yoo ta’u, tajaajilaa fi gargaarsa jiruuf ulaagaa guutuu kee kan murteessu ta’a. Af-gaaffiin gochuu qoftii ulaagaa yoo hin guunne deeggarsa UNHCR fi/ykn michoota irraa akka argattu wabii hin kennu. Deeggara argachuuf Af-gaafii gootee, akkasumas deeggarsa argachuuf ulaagaa barbaadamus guutuu qabda.

UNHCR waliin gaaffii fi deebii eegumsaa gochuun barbaada. Akkamittan gaafachuu danda'a?

Madaalliin fedhii eegumsaa UNHCR fi CESVIn gaggeeffamu namoota dhuunfaa magaalaa keessatti baay’ee saaxilamoo ta’aniif gargaarsa eegumsaa fi deeggarsa kennuu wajjin walqabatee jira. Maalummaa af-gaaffii irraa kan ka’e madaalliin fedhii eegumsaa kan gaggeeffamu balaa fi yaaddoon eegumsaa adda ta’e yoo jiraate qofa. Yoo kanaan dura hin qabne ta’e, UNHCR, CESVI ykn sarara bilbilaa Tawasul bilbiluun dhimma eegumsa keessanii gabaasuu fi ilaalamuu fi dhisuu keessan adda baasuu dandeessu. Yoo kanaan dura qabaatte, haala kee irratti jijjiiramni guddaan yoo hin jiraanne, irra deebiin gaaffii fi deebii siif hin taasifamu.

Af-gaaffiin eegumsaa karaa furmaata waaraa miti.

Sarara bilbilaa Eegumsa UNHCR: 📞 0917127644

Tawasul – Sarara Mala Duub-deebii Waliigalaa: 📞 1404

Sarara bilbilaa CESVI (Dilbataa hanga Kamisaatti, sa’aatii 09.00 hanga 17.00):

  1. 📞 092 2767166
  2. 📞 091 0027716

Ani nama jeequmsa ykn miidhama saalaa irraa hafedha. Akkamittan tajaajila argachuu danda'a?

Yoo jeequmsa ykn miidhaa saalaa irraa kan hafe taate, kunuunsa fayyaa hatattamaa argachuun dursa waan qabuuf, fayyaa kee eeguuf taatee sana booda sa’aatii 72 keessatti hatattamaan kunuunsa fayyaa jiru argachuun siif hayyamamuu qaba.

Maaloo sarara 📞 0910354839 (24/7) bilbilaa gareen yaalaa hatattamaa KBIA/ IRC (Koree Baraarsaa Idil-addunyaa) isin gargaara.

Dhaabbileen kanneen miidhaa saalaa ykn miidhaa saalaa mudatan dabalatee namoota jeequmsa saalaa irraa hafan deeggaruuf muudaman ni  jiru. Deeggarsa hojjetaa dhimmaa leenji’ee dhaabbata addaa irraa argameen tajaajila barbaachisoo ta’an akka argattan deeggaramuu ni dandeessu, yoo barbaadde, isaan kun tajaajila fayyaa sammuu fi Xiin-hawaasummaa, kunuunsaa hawaasaa wajjin bakka jireenyaa, odeeffannoo fi gorsa seeraa, gargaarsa maallaqaa, akkasumas meeshaalee nyaataa hin taane isin gargaaruu dunda’u. Namoota jeequmsa koorniyaa irratti hundaa’e irraa hafan waliin hojjechuu keessatti, dhaabbani isin qunnamu kamiyyuu nageenya keessaniif dursa kennuu, odeeffannoo isin qooddan kamyyuu  iccitii isaa ni eegu, seenaa keessan osoo hin ilaalin walqixxummaa fi karaa haqa qabeessa ta’een yaada fi filannoo keessan eeganii tajaajila kam argachuu akka qabdan filannoo keessan kabajuun isin tajaajilu.

Deeggarsaaf bilbiluu dandeessu:

Sarara bilbilaa CESVI (Dilbataa hanga Kamisaatti, sa’aatii 09.00 hanga 17.00):

  1. 📞 092 2767166
  2. 📞 091 0027716

Sarara bilbilaa Eegumsa UNHCR: 📞 0917127644


<< Gara fuula jalqabaa Liibiyaatti deebi'a >> Fuula Gargaarsa keenya irratti biyya biraa filadhaa