XIYYEEFFANNOO! Tajaajilli UNHCR HUNDI BILAASHA!
Gabaasni keessan murtoodhaan kan ilaalamu yoo ta’u, iccitii cimaa ta’ee kan eegamu ta’a.
XIYYEEFFANNOO! Tajaajilli UNHCR HUNDI BILAASHA!
Gabaasni keessan murtoodhaan kan ilaalamu yoo ta’u, iccitii cimaa ta’ee kan eegamu ta’a.
Gocha badaa jechuun “hojjetaan tokko dirqama Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Dambii Hojjetootaa fi Dambii Hojjetootaa ykn dhimmoota bulchiinsaa biroo jalatti qabu raawwachuu dhabuu, ykn ulaagaa naamusaa hojjetaa mootummaa idil-addunyaa tokko irraa eegamu kabajuu dhabuu kamiyyuu dha.”
Tajaajilli gargaarsaa fi eegumsaa baqattootaa fi koolu galtootaaf kennamu hundi BILAASHA. Maaloo maallaqa kamiyyuu kaffaluu akka hin qabne hubadhaa! maallaqa, ykn meeshaa ykn tajaajila biroo kamiyyuu dabalatee UNHCR ykn tajaajilli michuu UNHCR irraa argattan kamiifuu kafaltii kamuu kafaluu akka hin qabne hudhadhaa.
Badii kamiyyuu iccitiidhaan UNHCRtti gabaasuu dandeessa. Hanna, malaammaltummaa, miidhaa saalaa ykn itti fayyadamuu, ykn gocha badaa biroo gabaasuuf Waajjira Inispeektaraa(Qorataa) Waliigalaa UNHCR qunnamaa:
Sanduuqonni komii UNHCR Liibiyaa Waajjira Serraj keessatti argamu. Hojimaatni komii koolu galtoonni ykn baqattoonni hojjettoota UNHCR, afaan hiiktoota, ykn waardiyyootaan gochi badaa nurra gaheera jedhanii yoo amanan odeeffannoo waa’ee amala dogoggoraa kana hoggansa olaanaa UNHCRtti akka fidan ni taasisa. Sirni komii UNHCR haalawwan naamusa badaa hamaa ykn haqa dhabuu hojimaataa miseensa hojjetaa UNHCR, afaan hiikaa, ykn eegduu tikaa ni ilaala.
Komii jalqabuuf maaloo komii keessan saanduqa komii cufame keessa buusaa. Liibiyaa keessatti hojjetaa UNHCR isa Olaanaa qofatu saanduqa komii kana argachuu danda’a, komii kees haala iiccitii ta’een ni ilaala.
Maaloo UNHCR fi miiltoowwan isaa gocha hannaa, malaammaltummaa, fayyadama saalaa, doorsisaa, fi haala hamaa/miidhama raawwatamuuf imaammata OBSA ZEEROO akka qaban ykn akka hin obsine yaadadhaa.
Tajaajilli gargaarsaa fi eegumsaa baqattootaa fi koolu galtootaaf kennamu hundi BILAASHA (TOLA). UNHCR ykn michoota keenya irraa gargaarsa argachuuf maallaqa kamiyyuu kaffaluu akka hin qabne hubadhaa.Nama seera Kana cabsu kamiyyuu iccitiidhaan UNHCRtti gabaasuu dandeessa. Hanna, malaammaltummaa, miidhaa saalaa ykn itti fayyadamuu, ykn gocha badaa biroo gabaasuuf Waajjira Inispeektaraa(Qorataa) Waliigalaa UNHCR qunnamaa:
Sanduuqonni komii UNHCR Liibiyaa Waajjira Serraj keessatti argamu. Hojimaatni komii koolu galtoonni ykn baqattoonni hojjettoota UNHCR, afaan hiiktoota, ykn waardiyyootaan gochi badaa nurra gaheera jedhanii yoo amanan odeeffannoo waa’ee amala dogoggoraa kana hoggansa olaanaa UNHCRtti akka fidan ni taasisa. Sirni komii UNHCR haalawwan naamusa badaa hamaa ykn haqa dhabuu hojimaataa miseensa hojjetaa UNHCR, afaan hiikaa, ykn eegduu tikaa ni ilaala.
Komii jalqabuuf maaloo komii keessan saanduqa komii cufame keessa buusaa. Liibiyaa keessatti hojjetaa UNHCR isa Olaanaa qofatu saanduqa komii kana argachuu danda’a, komii kees haala iiccitii ta’een ni ilaala.
Maaloo UNHCR fi miiltoowwan isaa gocha hannaa, malaammaltummaa, fayyadama saalaa, doorsisaa, fi haala hamaa/miidhama raawwatamuuf imaammata OBSA ZEEROO akka qaban ykn akka hin obsine yaadadhaa.
Gocha kamiyyuu yoo ta’e, kallattiinis ta’e al-kallattiin, ofii isaaniitiifis ta’e qaama sadaffaaf, faayidaa argachuuf osoo beekanii yookiin itti yaadanii dogoggorsan, yookiin dogoggorsuuf yaaluun dhugaawwan qabatamaa dogoggoraan ibsuu fi/ykn dhoksuu dabalatee. Fakkeenyonni gocha sobaa kanneen akka:
Shakkii ykn yaaddoo hannaa fi malaammaltummaa baqattootaa fi koolugaltoonni raawwatan kamiyyuu [email protected] irratti gabaasaa. Gabaasaaleen hundi iccitii cimaadhaan kan ilaalamanidha.
Kanneen seera cabsan kamiyyuu iccitiidhaan UNHCRtti gabaasuu dandeessa. Hanna, malaammaltummaa, miidhaa saalaa ykn itti fayyadamuu, ykn gocha badaa biroo gabaasuuf Waajjira Inispeektara(Qorataa) Waliigalaa UNHCR qunnamaa:
UNHCR Liibiyaatti komii qabdan ibsachuuf, maaloo saanduqawwan komii cufame waajjira Galmee Serraj keessa buusaa. Liibiyaa keessatti hojjetaa UNHCR isa Olaanaa qofatu saanduqa komii kana argachuu danda’a, komii kees haala iccitii ta’een ni ilaalama.
Tajaajilli gargaarsaa fi eegumsaa baqattootaa fi koolu galtootaaf kennamu hundi BILAASHA(kafaltii maleedha). UNHCR ykn michoota keenya irraa gargaarsa argachuuf maallaqa kamiyyuu kaffaluu ykn kennuu akka hin qabne hubadhaa.
Ejjennoo keenya ifa waan ta’eef yeroo hedduu Komishinarri Olaanaa keenyaan irra deebi’amee ibsameera:
Yoo waa’ee dhimma saalqunnamtii fayyadamuu fi miidhaa miseensa hojjettoota UNHCR, UN ykn dhaabbata miti mootummaatiin raawwatamuu danda’u beektan, ykn yaaddoo ykn shakkii qabaattan, maaloo karaa kallattiin Waajjira Inispeektaraa(Qorataa) Waliigalaa WIW (IGO)) Waajjira Muummee UNHCR jirutti gabaasaa:
Odeeffannoo dabalataaf marsariiti, UNHCR – Akka maleeFayyedamuu Saalaa fi Miidhaa(SEA) gabaasuu kan jedhu daawwachuu dandeessu.
Odeeffannoo dhugaa fi guutuu ta’e UNHCRf kennuun keessan barbaachisaa dha. Odeeffannoo armaan gadii kana hanga dandeettii keessaniitti dabalaa:
Mee ragaa deeggarsa himannaa kee mirkaneessu yoo qabaattan, akka qooduu dandeessan agarsiisaa.