Galmee

Galmee dabalatee tajaajilli UNHCRn kennu HUNDI BILAASHAAN/kafaltii malee tola akka kennamu hubadhaa.

UNHCR wiirtuu hidhaa keessatti hojii galmee hin raawwatu. Haa ta’u malee, UNHCR akka hiikamtan ni falma; yoo hiikamtan immoo beellama galmee ni argattu.

Guyyaa galmee irratti miseensonni maatii keessan hunda (abbaa manaa/haadha manaa, ijoollee yookaan firoota dhihoo biroo) isin waliin ta’uu qabu.

Sanadoota asilii (original) hunda kan qabdan fiduu qabdu, isaan keessaa:

  • Paaspoortii

  • Kaardii eenyummaa mootummaa

  • Ragaa dhalootaa

  • Eeyyama hojii

  • Sanadoota haala gaa’elaa keessan waliin walqabatan

  • Galmee barnootaa

  • Ragaa UNHCR yookaan mootummaa irraa kan argame kan qaxootummaa yookaan maganguddoo gaafachuu ibsu biyyoota biraa irraa

  • Sanadoota mootummaa biroo eenyummaa keessan ibsan kamiyyuu

Akkasumas sanadoota biroo yoo sababa biyya keessan irraa baatan waliin walqabatan ta’uu isaanii amantan fiduu dandeessu.

Hubachiisa: yoo sanadoota hin qabne illee, UNHCR waliin galmaa’uu ni dandeessu.

Lakkoofsa bilbilaa galmee 0911633466 irratti bilbiluu yookaan WhatsApp 0910019417 / 0916998581 irratti quunnamuu dandeessu. Isin UNHCR waliin wal arguuf Tripoli keessatti yookaan bakka biraatti beellama ni kennama.

Lakkoofsa bilbilaa galmee 0911633466 irratti bilbiluu yookaan WhatsApp 0910019417 / 0916998581 irratti quunnamuu dandeessu. Gara waajjira UNHCR kan Tripoli keessatti argamu yookaan bakka biraatti hojii galmee itti gaggeeffamu deemuu keessaniif beellama ni kennama.

Yoo faayilli keessan cufame yookaan hojii irraa dhaabbate, sarara bilbilaa galmee 0911633466 irratti bilbiluu yookaan WhatsApp 0910019417 / 0916998581 irratti quunnamuun beellama galmee qabachuu qabdu. Guyyaa beellamaa irratti, UNHCR odeeffannoo faayila keessan deebisee banuu yookaan haaromsuuf barbaachisu walitti qabuuf foormii akka guuttan isin gaafata. Maaloo paaspoortii fi sanadoota eenyummaa keessan hunda fidee dhuftu.

UNHCR wiirtuu hidhaa keessatti hojii galmee hin raawwatu. Haa ta’u malee, UNHCR akka hiikamtan ni falma; erga hiikamtanii booda, beellama galmee ni argattu.