Maaskiin yoo hin argamne nama dhukkubsate irraa fageenya meetira 1 ol ta’e eeguun yoo haxxiffate ykn qufa’e cophni sun hidhii, afaanii fi ija keessan akka hin geenye mirkaneessaa.
Harka keessan yeroo hunda bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachuu mirkaneessaa. Yoo saanitaayizaroota alkoolii irratti hundaa’an qabaattan, kanneenis fayyadamuun ni danda’ama.
Lammiileen, koolugaltoonni, baqattoonnii fi godaantonni hundi wal fakkaataan tarkaanfiiwwan fayyaa Hawaasaa kan deebii weerara COVID-19 sadarkaa biyyaatti barbaadu ni argatu. Kana jechuun namni COVID-19n qabamuu isaa mirkanaa’ee fi haala seeraa isaa osoo hin ilaalin tarkaanfiiwwan fudhataman mallattoo kilinikaa yoo mul’ate hospitaala keessatti kunuunsa Ministeera Fayyaa ni argatu jechuudha.
Tarkaanfiiwwan akkanaa kun hanga kunuunsi dheeraa fi qorannoon mana yaalaa namni sun dhukkuba kana irra aanuu fi bakka tursiisaa keessaa bahuu akka danda’u mirkaneessutti adda baafamuu barbaachisuu danda’a.
Tarkaanfiiwwan Ministeera Fayyaa akkasumas yeroo inkuubeshinii vaayirasii COVID-19 guyyoota 2- 14 gidduutti garaagarummaa qabu keessatti tuttuqaawwan nama COVID-19n qabamuun isaa mirkanaa’e hundi akka madaalamu, qoratamee akka ilaalaman ni taasisa. Yoo dhukkuba COVID-19 irraa bilisa ta’e jireenya idilee isaanii kan eegalan yoo ta’u yoo qorannoon irratti argame tarkaanfiiwwan kunuunsaa fi tursiisaa walfakkaatan hanga qorannoon bilisa ta’utti kan fudhatamu yoo ta’u namni sun dhibee kana irra aanuu isaa fi jireenya idileetti deebi’uu akka danda’us kan agarsiisu ta’a.
Yoo balaan hatattamaa hospitaala ciisuu barbaadu si mudatee fi kaardii UNHCR yeroon isaa darbe qabaatte/kaardii kee dhabde, michuu rifaralaa UNHCR Save the Children karaa neetworkii hospitaalota waliigaltee qabuun kunuunsa hospitaala ciisuu akka argattu si deeggara.
Caritas ykn dhaabbati kamiyyuu eegumsa akka qabaannu nu gargaaran saanitaayizarii ykn meeshaalee qulqullinaa ni kennaa?
Michoonni yeroo ammaa saanitaayizarii raabsaa hin jiran. Michoonni tajaajila kana kennuu yoo jalqaban, isin beeksifna.
Gidduu kana saamunaa fi qoricha farra vaayirasii lafaa mana keessanitti akka argamu gorfama.
COVID-19 deebii mootummaan hoogganamu laaboraatooriiwwan Ministeera Fayyaa fi Uummataa amanan qorannoo mirkaneessa dhukkubaa fi tarkaanfiiwwan fayyaa hawaasaa, tarkaanfiiwwan kunuunsa ykn tursiisaa lammiilee, baqattoota, koolu galtoota, godaantotaa fi nama biyya Masrii keessa jiraatu kamiifuu qixaan dhiyaatudha UNHCR karoora deebii mootummaa kabajuu fi walqixa akka argatan gochuudha.
Kana malees, dhaabbileen dhuunfaa tarkaanfiiwwan fayyaa hawaasaa sadarkaa barbaachisan fi deebii kunuunsa weerara kanaaf kennamu hin qaban. Kanaafuu, UNHCR deebii biyyoolessaa weerara kana bulchuuf kennamu kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Ministeera Fayyaa fi Uummataatiin durfamu fi qajeelfame qofa kan eegu ta’a.
Hawaasni walgahii hawaasaa fi walga'ii kana fakkaatu gaggeessuuf osoo hin hayyamamiin akkamitti waa'ee COVID-19 hubannoo uumuu danda'a?